• Thu. Nov 26th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo duula waraanaa maqaa Irbuu Shinniggaa jedhuun ganama barii irraa qabuun zooniilee cufa keessatti tarkaanfii fudhachaa jiraachuun ibse

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

ABO-WBO’n kana booda humna lolu hin qabu, ga’umsa irra hin jiru, balleessineerra, harka kennachaa jiruu fi funaanaa jirra jechuun qondaaltota bilxiginnaa fi miidiyaalee isaan afarfamus, qeeransichi Oromiyaa dhaabni waan godhu beeku, kutataan gaafa xiiqii, jibbaan roorroo fi garbummaa har’a ganama Caamsaa 28, 2024 sa’a 12:0 irraa qabuun waraana faashistii PP irratti tarkaanfii laalessaa fudhachaa jira.

Tarkaanfii qindaa’aa maqaa duula waraanaa Irbuu Shinniggaa jechuun Oromiyaa Zooniilee Saddeetanuu keessatti geggeeffamaa jiruun injifannooleen boonsaan galmaa’aa jira.

Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Baha Wallaggaa,  Horroo Guduruu Wallaggaa, Lixa Shaggar, Kibba Lixa Shaggar, Baha Shaggar, Zoonii Kibba Bahaa, fi Gujii Lamaan keessatti tarkaanfii guggubduun ittiin waraana faashistii PP harcaasaa jiran geggeeffamaa jira.

Zooniin Kaabaa ammoo godina Walloo keessatti jala bultii duula kanaa guyyaa kaleessaa tarkaanfii eegaluun du’aa fi madoon adabee jira.

Guutuu gabaasa isaa jala jalaan isiniif dhiyeessaa deemna.

Leave a Reply