ONM-ABO Caamsaa 22, 2024
Guutuu Oromiyaa keessatti waraanni impaayerattii guyyaadhaa gara guyyaatti dhiittaa mirga namoomaa raawwachuu jabeessaa deemuun, Oromiyaan dirree jeequmsaa, bakka itti badii raawwatanii osoo hin taane Oromummaan yakkamuun qalamanii ajjeefaman, reebamanii fi hidhaan hiraarfaman ta’uun ishee bubbuleera.
Akkuma kanaan aanaa Mana-Sibuu Ganda Guyyoo Sacciitti guyyaa kaleessaa Caamsaa 21, 2024’tti bari’u halkan sa’a sagal keessa tirikaan uummata oliif gadi ari’uun namoota nagaan isin WBO’dha, rifeensa keessan dhedheeressaa jirtu jechuun, Daawwit Baacaa, Mararaa Efirem, Leencoo Konee, Galataa Eebbisaa, Moyicha Bal’inaa, Amanuu Qananii, Boontuu Qixxataa, Haannaa Gammachuu fi Jireenyaa Eebbisaa kanneen jedhaman walumaa gala namota sagal qabuun, gara Waajjira Poolisii aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandiitti geessanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Waandii keessaas halkan naannoo sa’a sagalii Caamsaa 21, 2024’tti bari’u badii tokko malee Oromummaan yakkuun namoota sadii kan maqaan isaanii Yaa’iqoob Raggaasaa, Gaarii Imaanaa fi Taarikuu Taayyee jedhaman qabuun achi buutee isaanii dhabamsiisanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru.
Kanneen maqaa arganne malee shamarran maqaan ishee Maartaa jedhamtu dabalatee kan maqaan adda hin ba’in hedduu isaaniis qabanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


