ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Uummanni godina Jimmaa akkuma godinoota Oromiyaa kanneen biroo yeroo ammaa rakkoolee nageenyaa naannicha mudachaa jiruun waraanaa fi milishoota sirnichaan hiraarfamaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.
Jiraattonni godinichaa sirni bilxiginnaa yakkamaa dhiiga saba qulqulluu dhangalaasu ta’uu erga hubatanii kaasanii abdii sirnicha irraa kutachuu irraan kan ka’e hariiroo fi hojiilee sirna bilxiginnaa ifaaf ifatti saaxilu kan eegalan akka bubbules dubbatu.
Sirni badii kunis siyaasa isaa dabaa fi dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuun dagaage barsiifachuuf jecha guyyoota afran darbanii qabee onoota 21 godinni jimmaa qabu keessatti hawaasa waltajjii teessisuun barnoota sobaa jibba waraana bilisummaa Oromoo irraa qabu barsiisaa akka jirus dabaluun himan.
Adeemsi waltajjii sirnichaa kunis guyyaa har’aa Caamsaa 31, 2024 akka xumuramu kan himan jiraattonni, karaalee miidiyaa gubbaan namoonni yaada sirna bilxiginnaa tumsuu fi akka waan jijjiiramni dhufeetti miidiyaa gubbaatti ba’anii akka dubbatanis dirqamsiisaa akka jiran dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Mataan nafxenyootaa Abiy Ahimed waltajjii magaalaa Naqamtee irratti akka waan magaalaan Jimmaa guddina ajaa’ibaa agarsiistee magaalaa Naqamtee akka Jimmaafaa goona jechuun garaagarummaa agarsiisuuf yaaluun isaa ni yaadatama.

