ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Irree fi gachaanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa lola qinda’aa akka zoonichaatti duula waraanaa maqaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan labsame hordofuun taasiseen injifannoo boonsaa argatee jira.
Akka kanaanis godina Booranaa ona Miyoo ganda Dukkallee mooraa yeroo dheeraaf humni ergamtuu impaayera Itoophiyaa irra qubattee jirtu kaleessa Caamsaa 29 barii barraqaan itti seenuun hanga sa’a 8:00tti WBOn tarkaanfii cimaa irratti fudhatee jira.
Lola kana irratti ona 13 godinichi qabu keessaa 10 irraa raayyaan ittisa impaayerattii argamuun kan hirmatee yoo ta’uu, lola guyyaa guutuu jedhamuu danda’u kanaan diina irrra loltootni 41 du’aan 52 madoo dandammii hin qabneen adabee yeroof mooricha keessaa buqqisuun gargar bittinneessee jira.
BobbaaIrbuuShinniggaa
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️
