ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024 Rakkoon naannoo Oromiyaa keessatti waggoottansirni bilxiginnaa gara aangootti dhufee kaasee uumamee jiru namoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman qe’ee isaanii fi jireenya isaanii irraa mana hidhaatti yoo galchu, kuma kurnootaan ajjeesuu fi miliyoonaan ammoo buqqisee jira.
Sirni abbaa irree bilxiginnaa mirga namoomaa bara aangootti dhufee qabee cabsuun lammiilee nagaa hedduu ajjeesuun guyyuu dhaadatu, himannaa dhaabbanni mirgoota namoomaa Itoophiyaa irra deddeebiin rakkoo uumamaa jiruuf yakkamaa sirnicha taasisus qulqulluu of taasisee sirnichi jiraattota rakkisaa jiraachuu jabeessee jira.
Haaluma kanaanis godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee ganda 04 keessaa namoota maqaan isaanii: Obbo Abdurramaan Waaqayyoo abbaa ijoollee sadii, obbo Galatuu Tashiitee hojjetaa buufata fayyaa Harabaatee , Abdullaayii Tibbisoo Barsiisaa kolleejjii Daadimoos muummee kompiteer saayinsii kan barsiisuu fi ganda 010 keessaa ammmoo obbo Bashir Gammachuu mana uffannaa hodhaa kan qabu bakka hojii isaatii qabuun hidhuun himameera.
Namoonni ganda 04 keessaa qabaman hunduun walakkeessa halkanii mana isaaniitii waraana faashistii PP’n akka qabaman jiraattonni ONM’tti himaniiru.

