ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Waraanni impaayera Itoophiyaa mirga uummataa sarbuu fi humnaan ciqilee irra dhaabbatu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti hidhaa fi dararaa adda addaan rakkisaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii jedhamu irraa “isin deggertoota WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii Lataa Addunyaa, Leencoo Fiqaaduu fi Ibiroo Lammeessaa jedhaman Caamsaa 25, 2024 badii tokko malee waajjira poolisii aanaa sanaatti hidhanii jiraachuu fi kana duras namoonni kun haaluma wal fakkaatuun dararamaa turuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’f himanii jiru.
Akkuma aanichaattuu namoonni hedduun gochaa isaanii malee saamicha qabeenyaa qabee hanga jumlaan guuramanii mana hidhaatti darbatamuun hedduu dararamaa jiran murni bilxiginnaa ammas jireenya isaanii guutuutti mana hidhaa gochuuf cimsee hojjechaa jiraachuun jabaatee jiraachuun ni beekama.


