• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Amuruu keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun himame

Jun 2, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024

Taateen Oromiyaa keessatti qaamolee mootummaa abbaa irree fi waraana finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo bilxiginnaan ijaareen yeroo dhiyoo asitti uummata Oromoo irratti adeemaa jiru yaaddoo uumee akka jiru jiraattonni dubbatu

Gam-tokkoon maqaa “waraana Bilisummaa Oromoo” deggerta jedhuun ajjeechaa murtee seeraan alaa fi hidhaa jumlaa humnoonni mootummaa gabroomfataa PP namoota nagaa irratti fudhatan babaldhatee akka jirus kan himan, baatiilee shan darbanii  kaasee godiinota Oromiyaa maratti jabaachuun namoota ukkaamsanii hidhuun turtii  guyyoota muraasaa boodas baasanii ajjeesuun aadeeffatameera.

Koonyaa Horroo Guduru Wallaggaa, Ona Amuruutti qaamni Shororkeessaa Faannoo gandoota baadiyyaa fi magaalichaa keessatti of qindeessuun hawaasa irraan miidhaa guddaa geessisaa akka jiran beekameera.

Humni waraanaa sirna PP’s hawaasa isiniif qabsoofna jedhanii miidiyaa gubbaan holola oofaa olaniif birmannaa tokkollee kan hin taasisne ta’uus jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply