ONM-ABO Waxabajjii 1, 2024
Impaayerri murna gabroomfataa PP magaalichatti mana uummataa diiguu malee ijaaruu kan hin beeknee fi manneen haaadha hiyyeessaa tokko bira dhaabbatanii hojjechaa suuraa ka’uun siyaasa irraa kan tolfatu PP’n, magaalaa Jimmaatti hawaasa jalaa manneen diigamuun isaanii itti fufaniiru.
Yeroo ammaa kanas haaluma walfakkaatuun irra deebiin PP’n uummata hedduu jalaa mana diigaa kan jiru ta’uu kan himan jiraattonni, gandoota magaalaa sanaa keessaa addatti ganda Ginjoo fi Ajiippii jedhamanitti manneen bunaa, manneen jireenyaa, hoteelotaa fi dukkaanota gurguddoo dabalatee manneen namoota 50 olii harka maafiyaa PP’n kan diigamanii fi bakka bu’ee lafa isaaniis argachaa kan hin jirre ta’uu jiraattonni ONM dubbise himaniiru.
Namoonni manneen isaanii jalaa diigame kunneenis namoota harka qalleeyyii yoo ta’an yeroo ammaas haalli isaan keessa jiran hedduu kan nama yaaddeessuu fi bakkeetti bahuuun tendaa jalatti roobaa fi aduun itti wal jijjiiraa jiraachuun barameera.

