ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Gootichi waraana bilisummaa Oromoo duula waraanaa maqaa irbuu shinniggaa jedhuun kaleessa ganama barii irraa eegaluun Zooniilee cufa keessatti tarkaanfii fudhachaa jiru itti fufe.
Haaluma kanaan gootichi waraana bilisummaa Oromoo duula bobbaa irbuu shinniggaa Caamsaa 28, 2024 Zooniilee cufa keessatti geggeessaa ooleen injifannoon boonsaa galmeessuu beeksise.
Tarkaanfii bobbaa irbuu shinniggaa Zoonii giddu galeessaa keessatti fudhachaa tureen loltota hedduu du’an keessa hoogganoonni waraanaa impaayerattii lama keessatti argamuun beekameera.
Guyyaa har’aa jechuunis Caamsaa 29, 2024 Zooniilee cufa keessatti bobbaa irbuu shinniggaa Kanaan tarkaanfii laalessaa loltoota sirnichaa irratti fudhachaa jiraachuu WBO’n beeksiseera.
Guutuu gabaasa kanaa jala jalaan isiniif dhiyeessaa deemna.
