• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel keessatti jiraattonni waraana faashistii PP’n hidhaamaa fi saamamaa jiraachuun beekame

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Imaammataa fi tarsiimoo sirni bilxiginnaa Oromiyaa keessatti karaa qodaaltotaa fi lukkeelee isaaf amanamoo ta’aniin yakka gara jabummaa hawaasa Oromoo irratti gochaa jiruun badiilee qabeenyaa fi miidhaa qaamaa jiraattotatti ta’ee jiraachuun himame.

Bariisaa Daagim Kumarraa kan jedhamu dhalootaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Boondaa Gulufaa kan ta’e hojii barsiisummaaf gara godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamiitti bobba’ee hojjechaa kan ture, reebichaa fi doorsisa sirni bilxiginnaa isa irratti godhe baqachuun gara maatiitti galee yaalamaa akka ture jiraattonni dubbatu.

Hojii idilee isaarraas erga gara qe’eetti galee yeroo muraasa dura akka ta’e kan himan jiraattonni, guyyaa kaleessaa Caamsaa 28, 2024 waraanni gabroomfataan PP aanaa Baabboo Gambeel irraa sochii taasiseen ganda Boondaa Gulufaa keessaa qabuun reebicha irratti taasisanii mana hidhaatti akka darbanis dabaluun himan.

Dabalataanis guyyuma kaleessaa mana namootaa irra deemanii maallaqa WLQO fi gargaarsa milishootaa jedhanii namoota hedduu hiraarsaa turuun dirqamaan maallaqa guddaa guurratanii gara aanaatti akka deebi’anis himameera.

Leave a Reply