• Thu. Nov 26th, 2026

Murni bilxiginnaa yeroo itti Ameerikaan osoo hin hafne guyyaa kufaatii Dargii ilaalchisuun hawwii gaarii qaban dhiyeessitetti bilxiginnaan waa’ee Dargii irraanfachuun dargaggoota leenjii waraanaatti guuraa jira

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 29, 2024

Mataan murna bilxiginnaa Abiy Ahimed duudhaalee EPRDF duraanii suutuma suuta dhabamsiisuun kan isaan bakka buufachuu barbaadu, Guyyaa Kufaatii Dargii Caamsaa 28 ykn 20 akka impaayera Itoophiyaatti yaadatamu waan dhiise fakkaata.

Yeroo itti imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru guyyaa kufaatii Dargii ilaalchisuun waajjirri isaa cufaa ooluu ibsettii fi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken Guyyaa Kufaatii Dargii ilaalchisuun yaada ‘hawwii gaarii’ dabarsanitti impaayerattii keessatti garuu lolaa fi dargaggoota lolaaf mooraa leenjiitti guuraa jiru.

Mootummaan Ameerikaa rakkoon siyaasaa impaayerattii karaa maree akka furamu akka armaan dura dubbataa turan, har’as Antoonii Bilinken sana dubbatanis bilxiginnaan garuu ana malee Itoophiyaa kan ceesisu hin jiru, kanneen mareetti hirmaattanis cidha kiyya naaf bareechaa malee waan bulchiinsa, imaammata, seerotaa fi dambiiwwan jijjiiruu na hin gaafatinaa waan jedhe fakkaata.

Kun kanaan osoo jiruu dargaggootni Oromoo fi impaayerattii konkolaataa hedduun guuramanii mooraa leenjii bilxiginnaa seenaa jiru. Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa magaalaa Adaamii Tulluu hojjettoota waajjira ‘Care Itoophiyaa’ fi kanneen daandii gubbaa kophee qulqulleessuun jiraatan dabalatee guyyaa dheengaddaa Caamsaa 27, 2024 qabanii kan deemsisan yoo ta’u, naannoo Amaaraa keessattis dirqamaan gochaa kana raawwachaa jiru.

Murni lolli Dargiifis ta’e biyya kamiifuu akka hin fayyanne hubachuu dadhabe gamtokkoon seenaa yaadannoo jabdummaa qabsaa’ota impaayerattii haqaa gama biraan ammoo duguggaa sanyii sababa lolaan Mengistuu Haayile Maariyaam raawwate dachaan irra deebi’aa jira.

Abiy Ahimed dhimma guyyaa kufaatii Dargii ayyaana biyyoolessa keessaa baasuuf karoora qabaachuun kan himamu yoo ta’u, seenaa Abiy Ahimed fi bilxiginnaa irratti impaayerattiin akka ijaaramtuuf ammoo hanga Heera haaraa baasuun impaayerattii pirezidaantummaan bulchuuf adeemsa irra jiraachuu xiinxaltootni fi keessa beektotni ni dubbatu.

Leave a Reply