• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti waraanni maafiyaa PP hawaasa ajjeesuu fi hidhuu itti fufe

Jun 3, 2024

ONM- ABO Waxabajjii 2, 2024

Waraanni murna gabroomfataa PP hawaasa ajjeesuu amaleeffatee fi guyyaa guyyaan dhiiga ilmaan Oromoo lolaasuu bare, godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaa ganda Adaamii jedhamutti nama maqaan isaa Fayisaa Tolasaa  jedhamu Caamsaa 29, 2024 sababii tokko malee, sababa Oromummaa isaa qofaaf ajjeesan.

Dabalataan, impaayerri  Oromummaa hadheeffatu kun magaalaa Naqamteetti uummata hidhaatti guuruun dararaa hamaa geessisaa kan jiruu fi waajjirri poolisii magaalichaa hundi hidhamtootaan guutuun galma ganda 07’tti argamutti guuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ibsan.

Haaluma kanaan, Caamsaa 29, 2024 namoota maqaan isaanii: Guddataa Waaqgaarii, Galaanaa Kitilaa, Baqqalaa Waaqtolaa, Tarreessaa Dabalaa fi kanneen biroo hedduun hidhamanii kan jiranii fi yeroo ammaa kanas  uummata badii tokko malee hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply