ONM- ABO Waxabajjii 2, 2024 Jeequmsa Heeyitiitti itti fufee jiruun, daa’imman umrii loltummaaf hin geenye hidhattootni hirmaachisaa jiraachuu Mootummoota Gamtoomannitti damee mirga daa’immaniif falmu UNICEF kaleessa karaa Fuula Facebook isaa ibse. Garee hidhatee jiran keessaa dhibbeentaan 30 hanga 50 amma daa’imman yoo ta’an, isaanis dirqisiifamuu, miidhaa fi faayidaarra oolchuuf saaxilamu jedhe.
Daa’imman yeroo baay’ee garee hidhatetti makamuuf dirqamu yookaan akka mala maatii isaanii deggaruuf, yookaan sababa doorsisa ofii isaanii irratti yookaan maatii isaanii irratti raawwatamuun kaka’anii akka ta’e ibsan. Ijoolleen hedduun maatii isaanii irraa erga addaan ba’anii booda gareetti makamu, akka mala lubbuun jiraachuu fi eegumsaatti fudhatu.
Dabalataanis, daa’imman walakkaa miliyoonaa ol ta’an Heeyitii naannoo gareewwan hidhataniin to’ataman keessa jiraachaa jiru, kunis balaa jeequmsaa fi daa’imman qacaruuf isaan saaxila.
Haalli baay’ee jijjiiramaa ta’us, UNICEF maatii eeguu fi deggarsa lubbuu baraaruu kennuudhaaf tattaaffii cimsaa jira, kunis namoota kiyyootti galanii fi tajaajila barbaachisaa irraa addaan cite dabalatee ta’u dhaabbatichi ibseera.
UNICEF hawaasni addunyaa daa’imman Heeyitii keessa jiraatan eeguuf tattaaffii saffisaan akka godhu gaafatee jira.
Jeequmsa bara 2018 irraa eegalee Heeyitii keessatti uumame gidduutti, baandaawwan hidhatan Bitootessa 2024 manneen hidhaa gurguddoo Heeyitii lamaan weeraruun hidhamtoonni 4,700 ol miliqaniiru. Baandonni kunneen muummichi ministeeraa Ariel Henry aangoo akka gadhiisan gaafachuun, buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Toussaint Louverture haleeluu fi cufuun Heenriin akka biyyatti hin seenne dhorkuun isaanii ni yaadatama.
Dhimmi kun impaayera Itoophiyaa keessatti daa’imman humnaa fi goyomsaan mooraa leenjiitti geeffamaa fi sababa kanaanis qaamni bilxiginnaa maatii irraa maallaqa doorsisee nyaachaa jiraachuun ni beekama.




