• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee keessatti namootni sadii ajjeefamuun manneen qonnaan bultoota hedduun gubate

Jun 3, 2024

ONM- ABO Waxabajjii 2, 2024

Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi gubaatiin manneen namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru daran jabaatee jiraachuun namoonni nagaan hedduun waraana akka feetee kanaan gochi kun irratti raawwachaa jira.

Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee ganda Bachoo Faaleemii keessatti  Caamsaa 27, 2024 hidhattootni sirnichaa gara ganda sanaatti bobbaafamuun namoota maqaan isaanii Gugsaa Hundee, Darajjee Tarree fi durbee Xajjee Anbessaa kanneen jedhaman haala suukkanneessaan ajjeesuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.

Namoonni manneen isaanii mi’a mana keessaa fi midhaan waliin  guutummaatti jalaa gubachuun barbadaa’e maqaan isaanii: Shawayyee Gammadaa, Dirribaa Raggaasaa, Tulluu Baqqalaa, Xibabuu Warquu , Baqqalee Hordofaa, Ayyalaa Warquu, Ejersa Gonfaa , Shifarraa Gonfaa, Girmaa Dabalee, Darajjee Gabbisaa,Tarree Arreeddoo, Gabbisaa Gojjii, Daamxee Gabbisaa, Girmaa Tolaa, Tasaa Anbassee, Bojaa Hundaa fi Abbabuu  Haayiluu kanneen jedhamaniidha. 

Namoonni kunneenis yeroo itti silaa qonnaa qotachuun oomishatti bobbaafaman kanatti hidhattootni sirnichaa  midhaan dabalatee mi’a mana keessaa guutummaatti jalaa gubanii barbadeessuun bakkeetti ba’anii harka namaa eeguuf saaxilamanii jiraachuu jiraattotni kun dabaluun addeessaniiru. 

Leave a Reply