ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024
Dheengaddaa fi kaleessa caasaan murna bilxiginnaa Shaggar Sitii keessatti uummata Oromoo waltajjii waamuun haala yeroo irratti mariisisaa turan.
Maree isaanii kanaanis uummataaf Waraana Bilisummaa Oromoo waliin fuula duuratti teenyee mari’achuun rakkoo keenya furanna jechuun uummata nageenyi akka bu’uuf deebii sirrii eeganiif hololaa fi micciirama deebisaa turan.
Hirmaattotni gama isaaniin Waraanni Bilisummaa Oromoos ijoollee keenya, waanumti Oromoo haa kabajamuuf hidhannoo kaasanii fi karaan deebiin isaanii deebi’uuf falamee bakka isaan jedhanitti maaliif fuurmata hin taasifne, maree Taanzaaniyaa nuti abdii irraa godhannes ni kuffistan jechuun yaada kaasanii turan.
Caasaan bilxiginnaa, waltajjii geggeessaan garuu Taanzaaniyaatti WBO’tu maree kuffise, amma ammoo nama of gidduu galchuun hin barbaachisu, nutu fala ta’a jechuun uummata kijibaa fi deemsa dabaan aangoo tursiifachuuf taasisaa jiran dhugaa fakkeessanii itti himaa turan.
Keessumaa mareen kun erga waa’een Maree Biyyaalessaa ka’ee, dhaaboliin Oromoo KFO fi ABO’n itti hirmaachuu dhiisanii fi ABO-WBO’n akka furmaata hin finnetti dubbateen booda fudhatama dhabuu isaa hubachuun uummatni akka hojii cubbuu isaanii deggeruuf waltajjiin dararaa jiraachuun barameera.



