ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024
Waraanni maafiyaa PP saamichaaf bobba’e gaachana sirnaa” jechuun milishoota gandoota adda addaa irraa fedhii isaanii malee humnaan qabee leenjisaa kan ture eebbisuuf saamicha hamaan ona Gudayyaa Biilaa ganda Caalii Jimaa jedhamutti bobba’aniin uummata irratti dhiibbaa diinadgee geessisaa jiru.
Gosoota kaffaltii adda addaa itti kaasuun dirqamaan uummata onichaa irraa guuraa akkuma turan, yeroo ammaa kanas humnaan “maallaqa dhibba lama lama kennaa” jechuun uummata irraa guuranii sangaa eebba milishaaf qalamu bituuf uummata dirqisiisaa jiraachuu fi gandoota onichaa hunda keessattis haaluma wal fakkaatuun taasifamaa jiraachuu maddeen keenya ibsaniiru.
Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa hawaasatti bitaa itti galee hedduu rakkachaa jirutti sirni aangoo irra jiru bilxiginnaan teessuma aangoo isaa qofaaf yaaduun hawaasa gidirsuun isaa egeree sabichaaf yaaddoo ta’uu yeroo hedduu irra deddeebiin jiraattotni iyyachaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatamaa.


