• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Lixa Shaggar keessatti meeshaa waraanaa gurguddaa akka  ZU-23 qe’ee uummata nagaa irratti dhukaasanii miidhaa qaamaa jabaa geessisuun barame

Jun 4, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024

Eegdonni barcuma aangoo Kolonel Abiy Ahimed tiksan uummata nagaa meesha maleessa meeshaa waraanaa itti dhukaasuun dhiiga lammiilee nagaa dhangaaluusuu aadeffate gocha diinummaa isaanii daran jabeessuun jiruu fi jireenya jiraattotaa barbadeessaa jiru.

Gocha duguuggaa sanyii Oromoota irratti raawwachuun kan beekamu bilxiginnaan gara laafina tokko malee dhiiga qulqulluu dhangaalaasuu fi lubbuu namoota nagaa obbaasuu kan itti fufee jiru oggaa ta’u, waraana akkasaa dirree irraa isa bobeessaa oolu dheessuun qe’ee namootaa keessatti meeshaa waraanaa fudhatee deebi’uun ummata homaa of harkaa hin qabnetti dhukaasee dhiiga dhangalaasaa oola.

Faashistoonni murna PP  kun gaafa Waxabajjii 1, 2024 godina Lixa Shaggar aanaa Cobii Ganda Qaachamaa magaalaa aanaa Cobii jalatti kan argamtu keessa meeshaa guddaa Zu- 23 jedhamu dhaabuun mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa ganda Qorichaa Cobii jedhamtu irratti dhukaasuun barsiisotaa fi namoota biroo madeessuun miidhaa qaamaa jabaaf akka saaxilan maddeen gabaasan.

Maqaan namoota miidhamaniis barsiisaa Raggaasaa Yaadatee Gaddafaa, Barsiistuu Eebbisee, Obbo Birhaanuu Galataa fi maanguddoo ganna 80 maqaan isaanii Obbo Itichaa Badhaadhaa jedhaman mana isaanii keessatti kan rukutan oggaa ta’u manneen barumsaa fi mana jireenyaa barsiisotaas dhukaasa kanaan akka barbadeessan jiraattoonni onichaa ONM’tti himaniiru.

Oduma wal fakkaatuun godinuma kana keessa aanaa Jalduu aanda Oddoo Baddeessaa keessatti waraanni faashistii PP kun hawaasa nagaa rasaasaan rukutuun madeessanii jiru.

Maqaan namoota madaa’anii kunis, Aadde Araaree Moosisaa haadha maatii 9 kan ta’an, maanguddoo ganna 95 kan ta’an obbo Badhaanee Daandanaa kan jedhamanii fi dubartii ammaaf maqaan nu hin geenye  tokko rasaasaan rukutuun madeessanii deemuu jiraattonni onichaa dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply