ONM-ABO Waxabajjii 3, 2024
Impaayera Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo keessattuu hawwanii fi maanguddoonni silaa kabajni maluuf kabaja dhabuun rasaasa sirnichaan guyyuu ajjeefamuu fi madaa’uu irratti argamu.
Caamsaa 27, 2024 Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee ganda Bachoo Faalemii keessatti namoota sadii hidhattootni sirnichaa ajjeesuun manneen qonnaan bultoota 23 gubuu gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.
Guyyuma sana dubartoota lama kanneen maqaan isaanii Burtukaan Ambassaa fi Magartuu Mangaasaa jedhaman dabalataan gandicha keessatti rukutamuu jiraattotni ONM’tti himan.
Dubartootni rasaasa hidhattoota PP’n madaa’an kunneenis hanga ammaatti akka mana yaalaa hin deemne dhorkamuu fi haala yaadessaa keessa akka jiranis dabaluun ibsan.
Akka jiraattota gandichaa ONM dubbise jedhanitti hidhattootni kunneen akkuma baayinaan gandichatti bobbaafamaniin gandi kun guutuun WBO’dha jechuun uummata ganda tokkoo irratti dhukaasa banuu fi uummata qe’ee irraa baqachuu hin dandeenye akka ajjeesanii fi madeessan ibsan.
Akkasumas yeroo waqtii qonnaa kanatti miidhaa hanga kana ga’u uummata nagaa siyaasa keessaa quba hin qabne kana irratti raawwachuun isaanii diinummaa hamaadha jechuun PP’n uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf karoora jabaa baafatee jiraachuu isaaf kun ragaadha jedhan.
Gara jabummaa hanga kanaa haadha Oromoo irratti harka ol kaasanii itti dhukaasuun ajjeesuun kun yeroo ani Oromoodha ofiin jedhan kana keessa raawwatamuun isaa kan abdii sirnicha irraa nama kutachiisuu fi mana ciisanii du’uu irra yeroo itti gamtaan falmatanii of irraa kaasaniidhas jechuun ONM’tti himaniiru.

