ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024
Korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa risaan gaara Alutuu Cibraan Jaal Nadhii Gammaada godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Booree iddoo addaa Gaara Buggeetti har’a Waxabajjii 4, 2024 waraana maafiyaa PP Bobbaa Irbuu Shinnigaa fashalsuu qabna maqaa jedhuun bobbaate haxxee itti hidhuun rasasaan akaa’ee baarudaan macheessuun loltoota 50 irraa ajjeessee 73 madoon adabuun qawwee AKM 7, gumbii 5 fi F1 2 irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Jajjabeewwan kaayyoo haqaa Bobbaa Irbuu Shinnigaa milkeessuuf taasisaniin waraana PP kaabineen bobbaafte dhukkee irraa kaasuun jireenya itti golgoleesse jira.
Akka maddeen keessoo isaanii addeessanitti yeroo amma kana PPn sababaa WBO’n lolaa walii irraa hin cinne lolaa jiruuf yaaddoo guddaa keessa galuun eessatti gorraan gaaffii kaabinootaa fi caasaa ishee ta’e jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaa fi walabummaatti itti fufa ❗️
BobbaaIrbuuShinniggaa
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

