ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Sirni duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru bilxiginnaan impaayeerattiin harkatti kufuuf akka deemtu kan hubate ajjeechaa fi duguuggaa sanyiitiin madaa uummanni Oromoo yoomiyyuu hin daganne raawwachaa kan jiru yoo ta’u, beektotaa fi ol adeemtota Oromoo siyaasa kamirraa bilisa ta’an waan Oromoo ta’an qofaaf murtee ajjeechaa irratti kan murteesse goleewwan Oromiyaa hunda keessatti gochaa gara jabeenyaa raawwachuu jabeessee jira.
Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti Waxabajjii 1, 2024 qeerroo maqaan isaa Birhaanuu Hulluuqaa jedhamu ajjeesuun sirni awwaalchaa tasumaa akka hin raawwatamne qe’ee isaatti maatii fi uummata sirna awwaalchaaf dhufee reebuu fi roorroo jibbisiisaa mana isaa keessatti taa’anii sigaaraa xuuxuu fi meeshaalee mana keessaa caccabsuu jiraattonni naannoo sanaa ONM’tti himan.
Dargaggoo Guddee Dabalaa irrattis reebicha hamaa irratti erga raawwatanii booda miidhanii jiraachuu himuun, ilmaan keetu WBO keessa jira jechuun Aadde Garee Roobaa kan jedhamtu irrattis doorsisa hammeessuun ati maaf magaalaatti galte? Ilma keetiis galchi atis baadiyyaatti gali torbee har’aa dhufnee mana badiiyyaa kee keessaa siifii ilma kee hin agarru taanaan mana kee waliin si gubna jechuun beellama manaa fi kan ishii guban keennaniifii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




