• Wed. Nov 25th, 2026

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii UN uggura koolu galtummaa haaraa Ameerikaan keesse irratti yaaddoo guddaa akka qabu ibse

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024

Baayiden falmii irra deebi’anii filatamuuf Doonaald Tiraamp waliin taasisan keessatti bakka dadhabaa siyaasaa isaanii keessaa tokko jiddugaleessa gochuuf jecha daangaa Kibba Ameerikaa irratti uggura godaantota haaraa akka kaa’an ajajan.

Ajajni hojii raawwachiiftuu kun godaantotni seeraan ala gara biyyattii seenan guyyaa tokkotti lakkoofsi isaanii 2,500 ol yeroo dabalu koolu galtummaa akka hin gaafanne dhorka, akkasumas gara Meeksiikootti akka deebi’an salphaa taasisa.

“UNHCR, Ejensiin Baqattootaa  Mootummoota Gamtoomanii, tarkaanfiiwwan koolu galtummaa haaraa Ameerikaan har’a labsite kan mirga koolu galtummaa biyyattii keessatti daangeffama cimaa kaa’e kun baay’ee yaaddoo qaba” jechuun ibsa baaseen ifoomseera.

“Tarkaanfiiwwan haaraan kun namoota dhuunfaa eegumsa idil-addunyaa barbaadan hedduudhaaf koolu galtummaa dhorku, amma immoo nageenya barbaaduuf filannoo hojiirra ooluu danda’u dhabuu fi balaa deebi’anii biyyatti deebi’uu illee danda’u,” jechuun daangaa ce’ee deebi’ee ergamuu isaa dabalee ibseera .

“Namni biyya dhaloota isaa keessatti ari’atama irra ga’uuf sodaa bu’uura qabu qaba jedhu kamiyyuu, biyyaa ari’amuu ykn buqqifamuu isaa dura naannoo nageenya qabu argachuu fi himannaan kun madaalamuu qaba” jedha UNHCR.

“Ameerikaan dirqama idil-addunyaa ishee akka kabachiiftu gaafanna, mootummaan immoo daangaawwan mirga bu’uuraa koolu galtummaa gaafachuu miidhan irra deebi’ee akka ilaalu gaafanna” jedhe.

Godaantonni gara Ameerikaa seenan akka idileetti sanyii, amantii, lammummaa, yaada siyaasaa ykn miseensummaa garee hawaasummaa murtaa’e tokkootiin miidhaa ykn ari’atamni yoo isaan mudate koolu galtummaa akka gaafatan ni hayyamamaaf.

Garuu baay’een isaanii waggoota dheeraaf himannaan isaanii akka adeemsifamu kan turan yoo ta’u, qeeqxonni yeroo baayyee namoonni sababa dinagdee qofaaf qaxxaamuranii ergasii sirna kana taphachuun Ameerikaa keessa turuuf jedhu.

UNHCR akka jedhetti Ameerikaan namoota baay’inaan daangaa ishee ga’an waliin wal’aansoo qabuuf qormaata akka ishee mudate hubatteetti.

”US baqattoota simachuun seenaa dheeraa kan qabdu yoo ta’u, karaalee adda addaatiin, qubsuma, ispoonsara dhuunfaa fi kanneen biroo dabalatee, itti fufteetti,” jedheera.

“Haqummaa, qulqullinaa fi gahumsa bulchiinsa daangaa fi sirna koolu galtummaa ishee fooyyessuu dabalatee tattaaffii haaromsa bal’aa baay’ee barbaachisu keessatti Ameerikaa deeggaruuf kutannoo qabna” jechuun ibsuu isaanii gabaasa AFP irraa argate France 24 gabaaseera. 

Leave a Reply