• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Dida’aa keessatti dargaggoonni nagaan lama waraana PP’n qabamanii  dararamaa jiraachuu jiraattonni himan

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Yeroo itti Oromoo ta’uu qofti yakka namootatti ta’uun namni nagaan manaa ba’ee daandii gubbaatti hafaa jiru kanatti, ulaagaa tokkichi namni ittiin jiraachuu danda’u deggeraa paartii bilxiginnaa qofa akka ta’etu Oromiyaa keessatti bal’inaan mul’achaa jira.

Dargaggoo ol adeemaa umriin isaa ganna 19 ta’e kan maqaan isaa Umar Jamaal jedhamu, rakkoo impaayeerattii keessaa jalaa dheessuun biyyoota ollaa jiraachaa kan ture, yeroo ammaas haalli biyya bakkee isaaf mijachuu didnaan gara qe’ee galee hojii doqdoqqeen namoota deddeebisuun ofii isaatiif maatii isaa jiraachisaa kan ture murni bilxiginnaa yakka tokko malee qabuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen himan.

Sababni hidhamuu dargaggeessa kanaa Waraana Bilisummaa Oromoodhaaf nyaata geessita kan jedhu yoo ta’u, yeroo ammaa kanas godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Dida’aa bulchiinsa magaalaa Saadiqaatti hidhamee jira.

Dargaggoon Umar kan dhalatee guddates onuma Roobee Dida’a ganda Sibee Mararoo jedhamu keessatti akka ta’es jiraattonni himan.

Dabalataanis jiraataadhuma ganda Sibee Mararoo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Saadam Amaan jedhamu godina Baha Shaggar aanaa Adaamaa irraa gara magaalaa isaa Saaddiqaatti osoo galaa jiruu, waraanni gabroomfataan PP Waraana Bilisummaa Oromoof odeessa funaanuu deemta, haalli kee hunduu namoota isaan waliin hariiroo qaban fakkaata jechuun qabanii hidhanii akka jiranis dabaluun ONM’tti himaniiru.

Saadam nama abbaa hin qabne akka ta’eefii maatiin isaa hunduu harka isaas akka eegan namootni isa beekan dabaluun ibsaniiru. 

Leave a Reply