• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti hawaasa hidhuun cimee itti fufe

Jun 7, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024

Uummata nagaan jiruu isaa geggeeffatu Waraanni goolessaan Kolonel Abiy Ahimed teessuma aangoo isaa akka tiksaniif baayinaan humnaan karaa irraa qabee leenjisee hawaasatti bobbaase uummaticha boqonnaa dhorkachuun qe’ee saba guddaatti guyya guyyaan gadda uwwisaa jiru.

Waraanni uummata gara laafessa kana akkuma barbaadetti yakka fedhe irratti raawwachuun Itoophiyaa dullattii utubaa jiru waraanni maafiyaa PP, godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti uummata nagaa hidhaan dararaa jiraachuun ibsameera.

Waxabajjii 1, 2024 halkaniin mana namootaa irra deemuun balbala isaanii irratti caccabsuun itti ol seenanii namoota maqaan isaanii Badhaasaa Galataa, Malkaamuu Amsaaluu, Indaaluu Galataa, Gammachuu Shifarraa fi namoonni hedduun sababa tokko malee qabamuun  waajjira poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuu ONM jiraattota irraa odeeffateera.

Aanicha keessatti maqaa WBO jedhu of dura qabuun sarbamiinsi mirgoota namoomaa irra deddeebiin gudeeddii hawwan Oromoo irraa qabee hanga saamicha seeraan alaan hawaasa gidirsuu fi ajjeechaatti taasifamaa akka jirus jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply