ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Bara bilxiginnaa keessa uummanni Oromoo bakka tokkoo gara bakka biraatti imalee jiruu fi jireenya isaa geggeeffachuu kan hin dandeenye yoo ta’u, bakkoota hedduuttis hidhaa hanga ajjeechaatu irratti raawwatamaa jira.
Onichatti PP’n haaluma duraan bareen hidhaa, reebicha, saamicha, ajjeechaa fi rakkooleen hamoo ta’an guyyaarraa gara guyyaatti hawaasa irratti geggeessaa kan jiru yoo ta’u namoota fuula haarawaa” jechuun nama dhalootaan godina Lixa Wallaggaa ona Sayyoo Noolee ta’ee fi hojii guyyaa hojjechuun jiraatu maqaan isaa ‘Waaqjiraa Xurunaa’ jedhamu osoo inni hojii dhuunfaa isaaf deemuu “ati miseensa WBO’ti” jechuun Caamsaa 25, 2024 sababa tokko malee ona Daarimuu ganda Waabeekoo jedhamutti qabanii waajjira poolisii onichaatti hidhanii dararaa jiraachuu hawaasni gandichaa himaniiru.
Namoonni nagaan yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti bakka dhaloota isaaniin foo’amanii mana hidhaatti darbatamuun erga mana hidhaa galanii boodas gara leenjii waraanaatti guuramaa fi mana hidhaa irraa baafamanii ajjeefamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatamaa.

