ONM-ABO Waxabajjii 5, 2024
Murni caasaa hammeenyaa diriirfate bilxiginnaan rakkoo Oromoo irratti uumuu malee hawaasa irraa dhalataniif goonkumaa da’oo ta’aniifii kan hin beekne, hawaasa nagaa kutaalee Oromiyaa guutuu gandoota baadiyyaa fi magaalaa keessa jiraatan maqaa dharaan yakkanii hidhuun, erga hidhanii boodas maallaqa harkaa saamaa akka jiran uummanni bal’aan iyyachaa turan, har’as itti jiru.
Yeroo ammaa kanas saamicha lammiilee qulqulluu siyaasa kamirraa walaba ta’an erga saamaniin boodas maallaqa saaman dhuunfaa dhuunfaan qoodachuu irratti wal dhabuun hidhaatti wal darbaa akka jiranis maddeen keessoo PP nuuf eeraniiru.
Kibba Lixa Shaggaritti bulchaan aanaa Tolee kan maqaan isaa Fayyisaa Dhaabii jedhamu erga hidhamee torbanoota lama lakkoofsisee jiraachuu kan nuuf himan maddeen onichaa, maddi ijoo hidhamuu isaa inni olaananis maallaqa waliin saaman caalmaatti waan fudhateef hooggansi waraanaa onichaa qabee akka hidhes dubbatu.
Caasaan dabaa ijaarsa hamaan dhaabbatee jirus yeroo ammaa kana raafama guddaa keessa seenuun manneen hidhaatti bakkeewwan adda addaatii wal guuraa akka jiranis dabaluun ONM’tti himaniiru.

