ONM-ABO Waxabajjii 7, 2024
Badii fi yakka uummanni Oromoo keessaa harka hin qabneen yakkuun gareen faashistii PP dachee Oromiyaa keessatti goolumsa haalaan ulfaataa taasisaa kan jiru yeroo ammaa hidhamtoota siyaasaa maqaa sobaa ‘WBO’ waliin hariiroo qabduunis dararaa akka jirus ONM odeeffateera.
Hidhamtoonni baay’inaan hedduu ta’anis godinoota Arsii lamaan keessatti akka argaman kan nuuf eeran maddeen keenya gamasii, dheengadda jechuun Waxabajjii 5, 2024 haala hidhamtoota siyaasaa kana ni hiiknaa fi hin hiiknuu irratti kaadiroonni aanaa Diigaluu Xijjootti akka wal dhabanis itti dabaluun ONM’tti himaniiru.
Walitti bu’iinsaa fi jeequmsa keessoo PP’tti ka’e kanaanis rakkoon uumamee akka jiru kan nuuf himan maddeen, guyyaa kaleessaa Waxabajji 6, 2024 maree guddaa geggeessaa akka turanis ibsaniiru.
Uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa hundatti hidhamee hiraarfamaa jiru kunis, yakka seeratti isaan dhiyeessee akka dararaman isaan taasisu hojjetanii osoo hin taane, Oromoo ta’anii dachee Oromiyaa irratti dhalachuun isaanii sirna bilxiginnaa biratti yakka ta’ee akka ilaalames itti dabaluun ifoomsaniiru.



