• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Lixa Harargee ona Shanan Dhuuggootti bulchaan gandaa nama tokko ajjeesee, tokko madeesse

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Godina Lixa Harargee ona Shanan Dhuuggoo keessatti bulchaa gandaa maqaan isaa Abbaa Cabsii jedhamu nama maqaan isaa Mahaammad Abdishoo jedhamu gandicha keessatti Caamsaa 31, 2024 milishaa tokkoo fi hawaasa tokko rasaasaan dha’uu jiraattotni ijaan argan dubbatu.

Walii isheetti garagaltee wal fixaa kan jirtu ilmaan PP bulchaan gandaa milishaa tokko rasaasaan ajjeessuun hawaasa gandichaa walga’iif dhaqe keessaa immoo nama tokko madeessuu fi yeroo ammaa namni madaa’e kunis hospitaala magaalaa Hirnaatti yaalamaa akka jiru eeran.

Onichatti dararaa hamaan yeroo gara yerootti jiraattota irratti hammaatee jiraachuun uummanni yaaddoo guddaa keessa jiranii fi namoonni quuqama Oromummaa qaban hedduun isaanii onichaa baqachuun gara iddoo biraatti godaanaa akka jiranis  ibsameera.

Onichuma araddaa Haqaan Jiraataa ganda Morkaa jedhamu keessatti hawaasni nagaan dararaa hamaa keessummeesaa kan jiruu fi Waxabajjii 1, 2024 nama maqaan isaa Ahimad Mahaammad Yaasin jedhamu “shakkamaadha” jechuun sababa tokko malee waraanni PP uleen garmalee cafaquun qaama laalessanii miilla isaa caccabsuu fi miidhama hamaa isa mudateef immoo magaalaa Cirootti yaalamaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti  himanii jiru.

Leave a Reply