ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Yakki seenaa fi seeraan impaayera Itoophiyaa keessatti saba Oromoo irratti raawwatamaa jiru yeroo ammaa kan hin dagatamne ogguu ta’u, hawaasni nagaan qe’ee isaa irra jiraatu maqaa adda addaan yakkamee hidhaan hiraarfamuu, saamamuu fi manni isaa gubatee manca’uu irratti argama.
Bifuma kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Saarbaadii bakka addaa Gimbii jedhamu keessaa Waxabajji 5, 2024 maatiin qabsaa’otaa sababa ilmaan isaanii miseensa waraana bilisummaa Oromoo ta’an qofaaf maatiilee hedduun qabamuun mana hidhaa keessatti dararaa fi doorsisni ulfaataan waraana murna PP’n irratti ta’aa jiraachuun beekameera
Maqaa isin sanyii seelii diinaati, ajjeechaa fi dararatu isiniif mala jedhuun gochoota isaan hin ilaallannetti maatiileen dararamaa jiran muraasni maqaan nu ga’e, Obbo Galaayee Abbabaa, Obbo Galaayee Waaqjiraa, Obbo Akiliiluu Geeta’uu, Obbo Bashaa Chaaruu fi Aadde Tirfii Taajjabaa namoota jedhaman dabalatee namoonni danuun mana hidhaa onichaa keessatti rakkoon ulfaataan irra ga’aa akka jiru ONM’tti himaniiru.
Keessattuu Aadde Tirfiin ilmaan ishee hundumaa nama bakka abbaa fi haadhaa buutee maatii ishii jiraachisaa jirtuudha kan jedhan jiraattonni, erga isheen hidhamtees maatiin ishee haala rakkisaa keessa jiraachuus itti dabaluun himaniiru




