• Sun. Mar 15th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee keessatti namoota gabaa irraa galan  irratti hidhattootni sirnichaa saamicha raawwachuu jiraattotni himan

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Sirni saamichaaf of ijaaree jiru bilxiginnaan waraana isaa bobbaasuun gochoota hawaasa gaddisiisanii fi egeree isaaniif yaaddoo ta’u guyyuu dalagaa oolu.

Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 9, 2024 Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Minaareetti guyyaa gabaa hidhattootni Abiy Ahimed uummata dararaa turuu   jiraattotni himan.

Guyyaa gabaa kanas namoota gabaa irraa galan karaatti eeguun wantoota isaan gabaa irraa bitatanii bahan zayitii, mi’a dukkaanaa fi maallaqa namoota horii gurguratanii galan dabalatee wantoota uummanni bitatee gara baadiyyaatti galaa ture guutummaatti magaalaa qarqaratti eeguun harkaa saamuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni jedhanittis gandoota akka Coonfee Miinkee, Irreessaa, Haroo, Dagaagaa fi Baqoo dabalatee isin WBO’dha jechuun namoota hedduu harkaa saamuu dubbatu.

Namoota maaloo nu harkaa hin fudhatinaa jedhan ammoo reebicha irratti raawwachuun yoo barbaadde si ajjeesuuyyuu dandeenya jechuun addatti jiraattotni gandoota armaan olitti eeraman kunneen harka isaanii duwwaa boo’aa maatii isaaniitti akka galanis jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading