ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024
Dhiibbaan ilmaan Oromoo irratti waggoottan ja’an darbanii asitti adeemaa jiru, kanneen baroota mootolii abbaa irree darban irra daran jabaatee hawaasni nagaan kuma dhibbootaan hidhamee, waggaatti kumoota hedduun ajjeefamuunii fi qabeenyi saamamee manca’iinsa jireenya hamaa keessatti akka argamu ni beekama.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii keessatti Waxabajji 4, 2024 bakkoota adda addaa lamatti namoonni waraana faashistii PP’n yakka tokko malee ajjeefamuun gatamuun himame.
Namoonni ajjeefaman lama godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee irraa waraana faashistii PP’n dhufuun bulchiinsa magaalaa Gimbii ganda (01) Warra-Sayyoo iddoo addaa Gomboo jedhamutti ajjeefamanii gatamuun himameera.
Guyyuma sana ganda qonnaan bulaa Lalisaa Sariitii irraa ammoo barattoota lama kanneen maqaan isaanii Gammee Immiruu dargaggoo ganna 24 barataa kutaa 9’ffaa kan ta’ee fi barataa Firoomsaa Jiraa kutaa 12’ffaa kan baratu umriin isaa ganna 23 kan ta’e gara laafina tokko malee waraana goolessaa PP’n ajjeefamuun akka gataman himame.
Oduu biraatiin ammoo Waxabajji 6, 2024 milishoonni sirnichaa fi waraanni raayyaa ittisa impaayeerattii naannoo Colli Mikaa’eeliitti ganda (07)’tti walitti dhukaasuun battalatti ja’a walirraa ajjeesuun 7 wal irraa madeessuun beekameera.















