• Tue. Nov 24th, 2026

Maatiin Weellisaa Caalaa Daggafaa waraana faashistii PP’n doorsifamaa  fi hidhaan hiraarfamaa jiraachuun beekame

Jun 10, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Namoonni jajjaboon rakkoo saba isaanii impaayeerattii keessatti yoo dubbatan, dhugaa saba isaanii kanneen himanii fi maaliif namoonni qulqulluun miidhamuun rakkoolee sabaa dubbatan adamfamanii ajjeefamuu, hidhamuu, manneen irratti gubachuu, qabeenyi isaanii saamamuu fi sababa isaaniin maatiin gaafatamuun bartee ta’ee jira.

Akkuma kanaanis  godina Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee ganda qonnaan Bulaa Qucoo Gaamoo jedhamu keessaa maatiin qabsaa’aa mirga dhala namaa fi Weellisaa jaallatamaa Caalaa Daggafaa waraana faashistii PP’n doorsisni jabaan irratti adeemaa jiraachuu maddeen keenya gamasii kan nuuf eeran ogguu ta’u, obboleessi isaa kan maqaan isaa Taammiruu Daggafaa jedhamus yeroo ammaa hidhamee hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Taamirruun erga hidhamees reebichi jabaan irratti taasifamuu himuun, yeroo ammaa namoota saddeet waliin hidhamee jiraachuun kan dubbatamu yoo ta’u, waajjirri bulchiinsa magaalaa Gudaris mana hidhaa irraa lakkisnaan waraanni sirnichaa akka dhorkan himaniiru.

Obboleessi Weellisaa Caalaa Daggafaa, Taammiruun Wiixata darbe mana hidhaa irraa hiikamus gaafa Roobii deebi’ee hidhamuun himameera. Erga koomandii poostiin labsamee marsaa 4’ffaa akka hidhame barameera.

Dabalaatanis maatiin Weellisaa Caalaa Daggafaa irra deddeebiin yaaliin ajjeechaa mana isaaniitti waraana kanneeniin irratti adeemaa akka jirus ONM’tti himaniiru.

Weellisaa Caalaa Daggafaa qabsa’aa sirna EPRDF kuffisuu keessatti lubbuu isaa of kennuun qabsoo qeerroon geggeessaa ture keessatti aartiin labooba ibidaa uumuun sirnicha kuffisuu keessatti shoora olaana kan taphate yoo ta’u, gochi bilxiginnaan yeroo ammaa gochaa jiru silaa maatii isaaf kan malu akka hin taanes ni himama. 

Gochi bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa irratti taasisaa jiru hidhaa fi ajjeechaan qabsoo uummataas duubatti goonkumaa akka hin deebisnes jiraattonni nuti dubbisne yaada nuuf kennaniin himaniiru.

Leave a Reply