ONM-ABO Waxabajjii 8, 2024
Raashiyaan Jimaata kaleessaa Yukireen naannoo kibba Raashiyaa tokkotti rookkeettii U.S dhiyeessiteef fayyadamtee dubartootaa fi daa’imman ajjeesuu ishee himachuun, Waashingitaniin akka komattu ibsiteetti.
Raashiyaan yeroo jalqabaatiif du’a namoota nagaa dachee ishee irratti raawwatameef Ameerikaan itti gaafatamti jetteetti. Himannaan kun akeekkachiisa Pirezidaantii Vilaadmiir Puutiin lammiileen Dhihaa ibiddaan taphachaa jiru, Yukireen meeshaalee waraanaa warra Dhihaa akka dhukaaftu gochuun waldhabdee addunyaa balaadhaaf saaxiluu isaanii hordofeeti.
Rooyitars himannaa kana of danda’ee mirkaneessuu kan hin dandeenye yoo ta’u, yaadni hatattamaa Yukireen ykn Ameerikaa irraa yeroo gabaasni kun qindaa’etti kennames hin jiru.
Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Maariyaa Zakaaroovaan akka jedhanitti, haleellaan kun torban darbe naannoo Belgorod keessatti kan raawwatame yoo ta’u, Ameerikaan yeroo jalqabaaf Yukireen meeshaa waraanaa U.S’n dhiyeessite gara Raashiyaatti akka dhukaastu hayyamuuf walii galte jetteen yeroo muraasa booda.
Ministirri Dhimma Alaa U.S. Antony Blinken Caamsaa 31 akka mirkaneessanitti, prezidaant Joe Biden tarkaanfii kana kan Yukireen naannoo Kharkiv ishee Belgorod cinatti argamu ittisuuf raggaasisan ta’uu mirkaneessaniiru. U.S. ammallee Yukireen meeshaa waraanaa U.S. Raashiyaa keessa gadi fageenyaan seentee akka hin dhukaasne dhorkiti.
Zakharova’n akka jedhanitti ibsi Waashingitan haleellaa akkanaa kanaaf ibsa magariisa kennite ”…ajjeechaa daa’immanii fi dubartoota naannoo Belgorod keessatti raawwatamee” waakkachuu ta’uu dubbataniiru.
”Ciccitoonni rookkeettii akka ragaa kallattiitti ni tajaajilu,” jechuun gaazexeessitootatti himteetti.
Zakharovaan suuraa ciccitaa rookkeettii kamiyyuu hin dhiheessine. Taatee jedhame kanaan namoonni meeqa akka ajjeefaman hin ibsine.
Puutiin torbanoota darban keessa biyyootni Dhihaa waraana Yukireen keessa gadi fageenyaan yoo seenan waldhabdee addunyaaf saaxilamuu isaanii akeekkachiisaniiru. Roobii darbe gulaaltota biyya alaatif haasawa kennaniin, Raashiyaan mormitoota biyyoota Dhihaatiif meeshaa waraanaa dhiyeessuuf mirga akka qabdu ibsuun, kunis gocha madaalawaadha jechuun Rooyiteers gabaaseera.


