ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti waraana lakkoofsaan hedduu ta’an maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessinaan uummata Oromootti kan bobbaase murni bilxiginnaa, waraanni isaa manneen gubuu fi saamuu hanga lubbuu namoota hedduu ajjeesuutti gochoota farra namoomaa danuu raawwachuun qe’ee hedduu boossisaniiru.
Ganda aanichi qabu 25 cufa keessattis lubbuu jiraattootaa galaafataniiru.
Qondaaltotni waraana bilxiginnaa gocha faashistummaa akkasii raawwatan ammoo yeroo jijjiirraan bakkaa dhufuuf, qabeenya uummataa saamanii fi raashina jireenyaa ramadameef osoo hin hafne dirqiin hawaasatti gurgurachuun deemu.
Roobii darbe Waxabajjii 5, 2024 qondaalli waraana bilxiginnaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii buufata waraanaa Galma Magaalaa Muggii ykn mooraa Kora Bittinneessaa duraanii keessa turan akka deeman yeroo itti himamu, waraana isaa cufa dirqama eegumsaaf galgala bobbaasee raashina ramadameef zayitii, Ashaboo, paastaa, ruuzii, makoroonii, daakuu furnoo fi midhaan biddeeniif ta’u baasuun namootatti gurgurate.
Namootni qabeenya kana dirqiin irraa bitaa jiraachuu waan hubataniif maallaqa qaban baasanii kaffalaafii turuu maddeen magaalaa Muggii himaniiru.
Qondaalli waraanaa kunis maallaqa gurgurtaa midhanii irraa argate fudhachuun konkolaataa dhufeef fayyadamee gara Gambeelaatti deemuun barameera.
Waraanni faashistii PP aanaa Anfilloo keessatti saamicha jabaa geggeessuun kan sooraman yoo ta’u, ganda cufa keessaa namoota buna mana keessaa qaban kan Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun konkolaataa geessanii fe’achuun daaksisanii maqaa abbootii qabeenyaan fe’achaa jiraachuun ni beekama.

