ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Erga haleellaa tasaa humnoonni Israa’el raawwatanii fi qondaaltonni Filisxeem uummata dhibbaan lakkaa’aman ajjeese jedhanii booda kanneen Hamaasiin butaman afur maatiitti makaman.
Yeroo xumuramutti namoonni Israa’el booji’aman afur lubbuun jiranii fi irra caalaan isaanii yoo xiqqaate qaamaan osoo hin miidhamin gara manaatti kan fidaman yoo ta’u, yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 274 fi komaandoon Israa’el tokko ajjeefamaniiru.
Namoonni umriin isaanii waggaa 22, 26, 27 fi 41 ta’e kunneen Onkoloolessa 7, 2023 guyyaa Hamaas haleellaa tasaa Israa’el irratti raawwate kanneen butaman keessaati.
Loltoonni Israa’el naannawa Buseeriyaat jedhamutti humni qilleensaa isaaniin deggaramuun humnoota Hamaas waliin waraana hamaa gaggeessanii ture.
Humni waraanaa Israa’el duula waraanaa kana ”akkaan walxaxaa fi hammaataa” jechuun ibseera.
Waraana gaggeeffame kanaan lammiileen Filisxeem 100 hin caalle du’uu akka hin hafne ibsameera.
Aanga’oonni Filisxeem garuu haleellaa qilleensarraan raawwate kanaan akkasumas waraana naannawaa buufata baqattootaa al-Nuseeraat jedhamutti gaggeeffameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 210 ta’an ajjeefamuu fi 400 kan caalan ammoo madaa’uu ibsaniiru.
Erga Israa’el haleellaa raawwattee booda viidiyoowwan iddoo sanaa ba’an miidhaan guddaan akka qaqqabe agarsiisu.
Hospitaalonni daa’immanii fi dubartoota akkaan miidhamaniin dhiphatee, hakiimonni ammoo wayita gargaarsa kennuuf rakkatan viidiyoon agarsiisa.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisaa Israa’el Daani’eel Haagaarii ”duulli waraanaa odeeffannoo tikaa bu’uureffachuun gaggeeffame,” kun qindoomina loltoota biyyaalessaa, Ejensii Tikaa Israa’el fi Poolisii Israa’eliin raawwatame jedhan.
Akka dubbi himaan waraana Israa’el jedhanitti namoonni bilisa baafaman kunneen gamoowwan lama keessatti ugguramanii turan.
Wayita duulli gaggeeffamus dhukaasi cimaan akka isaan mudate ibsan.
Waraana kana keessatti loltuun isaanii tokko erga rukutamee hospitaala seenee booda lubbuunsaa darbeera jedhan qondaalli kun.
Erga waraanni Israa’el fi Gaazaa eegalee ji’oota saddeet booda bilisa kan baafaman namoonni afran kunneen fayyummaan isaanii haala gaariirra akka jiruu fi maatii isaaniin akka wal arganis ibsaniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Beenjamiin Neetaniyaahuu kanneen duula waraanaa kana keessatti hirmaatan jajuun, ”namoota ugguraman hunda kanneen lubbuun jiranis ta’e kanneen lubbuun hin jirre hanga gara biyya isaaniitti deebisnutti duula waraanaa keenya hin dhaabnu,” jedhan.
Ministirri Ittisaa Israa’el Yo’aav Gaalaant ammoo waggaa 47 humna waraanaa Israa’el keessa tajaajile ”duulli milkaa’aan akkanaa wayita gaggeeffamu arguun koo kan jalqabaati,” jedhan.
Haleellaa tasaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwateen lammiileen Israa’el 1,200 yoo du’an 251 ammoo ugguramuu Israa’el ibsiteetti.
Kanneen keessaa 105 yoo gadhiifaman, ammallee namoonni 116 hin gadhiifamne, 41 kan ta’an ammoo ajjeefamuu hin hafne.
Haleellaa guyyaa jalqabaa Hamaas raawwate hordofee waraana Israa’el haaloo ba’uuf eegalteen lammiileen Filisxeem 36,000 ol fi 80,000 ol ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Hamaasin hoogganamu ibseera Jechuun Associated Press gabaaseera.









