• Tue. Nov 24th, 2026

 Moodiin muummicha ministeeraa Hindii ta’uun marsaa sadaffaaf irbuu seene

Jun 11, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024

Muummichi ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodiin Dilbata kaleessaa yeroo sadaffaaf walitti aansuun Irbuu seenaniiru.

Ijji hunduu hooggantoota gamtaa kamtu kaabinee isaa keessa akka seenu ilaalaa jira.

Hooggantoonni naannolee guutuu biyyattii sirna kana irratti hirmaachuuf magaalattii waan dhufaniif magaalaan guddoon eegumsa nageenyaa cimaa jala turte. 

Hooggantoonni mormitootaa hedduun garuu saganticha ugguruuf murteessanii turan.

Muummichi ministeeraa Baanglaadeesh Sheek Haasinaa fi Pirezidaantiin Siriilaankaa Raanil Wiikireemisingihe waliin hooggantoonni Butaan, Neepaal fi Maaldiivis dabalatee sirna kana irratti argamaniiru.

Kan nama dhibu garuu  hooggantoonni biyyoota ollaa wal morkatan Chaayinaa fi Paakistaan hin argamne.

Moodiin haasaa eebba isaanii irratti heera mootummaa Hindiif amanamummaa dhugaa akka qabaatan dhaadataniiru.

Hoogganaan kun guyyoota darban keessa qophii ijaarsa mootummaa irra waan tureef baay’ee hojiin itti baay’atee ture jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply