• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Oromiyaa keessatti hidhaan kaadirootaa fi waraana faashistii PP’n jiraattota irratti jabaatee jiraachuun himame

Jun 12, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024

Murni bifa haaraan dararaa qabatee guyyaa guyyaan gad-ba’u naannoo Oromiyaa godinoota Baha Harargee fi Lixa Harargee keessatti yeroo ammaa kana jiraattota hundaa maqaa hidhata ‘WBO’ qabdu jedhuun guyyuu doorsisaa fi hidhaan hiraarsaa jiru.

Bulchitoonni onootaa fi qaamni maqaaf nageenya eegna jechuun dubbatan godina Baha Harargee fi Lixa Harargee keessatti waltajjii sirni bilxiginnaa Finfinneetti guyyoota saddeetiif barsiisaa ture hojiitti hiikuu maqaa jedhuun labsii hidhaa fi sochii leenjii waraanaatti namoota erguu jedhuun jiraattota hiraarsaa jiru.  

Keessattuu onoota akka Ciroo, Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa, gandoota akka Burqaa Gabiibaa, Bosooso Shuunqoo fi kanneen hafan hedduu keessatti milishoota bobbaasuun namoota jumlaan qabuun hidhanii jiraachuu itti dabaluun himaniiru.

Namoonni waraanaa fi milishootaan hidhamanis mana murtiitti osoo hin dhiyaatin yeroo dheeraaf manneen hidhaa dhiphoo keessatti rakkoo jabaan irratti taasifamaa jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply