ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Murni ani mootummaadha jechuun dhaadatu lammii isaaf bu’aa tokkollee buusuufiirra kan isaan qaban maqaa adda addaa itti moggaasuun saamaa kan oolu yoo ta’u, uummata biyyicha keessa jiran gara hiyyummaa hamaatti geessaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan Waxabajji 8, 2024 Lixa Wallaggaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii Suchiitti bobba’uun, maqaa gibiraan saamicha ulfaataa raawwachaa jira.
Ergamtootni bilxiginnaa kun maallaqa humnaa olii uummata gaafachuun qaala’insi humnaa ol ta’ee uummatni jiraachuuf rakkachaa jiru ittuu hammeessanii, akka hawaasni naannicha gad dhiisee baqatuufillee sababa ta’aa jiru.
Mootummaan biyya tokko bulchu lammiisaaf hojjechuun ga’eesaa ta’us murni maqaa mootummaan aangoo impaayerattii qabatee jiru Bilxiginnaan ammoo faallaa isaa irratti argamuun lammiisaa saamee, dinagdeen impaayerattii ol ka’aa jirti jechuun kan dhaadatu hawwaasni garuu rakkoo hamaatti ce’uun yaaddoon qabamanii rakkachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

