ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024
Sirni abdii kutate kan ol adeemtota kichuutti ciraa jiru bilxiginnaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti loltoota itti bobbaasuun duula ajjeechaa irratti raawwachaa jira.
Waxabajjii 9, 2024 Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa jedhamu keessatti loltoonni sirnichaa dargaggoo umriin isaa 16 ta’e kan maqaan isaa Alamayyoo Abdiisaa jedhamu osoo inni balbala dura taa’ee wangeela dubbisaa jiruu rasaasa sadii itti dhukaasuun ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni himan.
Dargaggoon ajjeefame kunis akkuma isaan argeen rifatee yeroo manatti ol galuuf jedhu maaliif nu baqatta jechuun balbaluma duratti rasaasaan akka ajjeesanis barameera.
Gandicha keessatti maatii qabsaa’otaa adamsuun saamicha daangaa hin qabne irratti geggeessaa akka jiranis jiraattotni dabaluun ibsaniiru.


