• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti waraanni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhuu fi saamuu cimsee itti fufe

Jun 13, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti waraanni murna bilxiginnaa, haala duraan barameen olitti hawaasa nagaa saamuu fi hidhuun dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuun himameera.

Ganda Jireenyaa jedhamu keessaa halkan waarii mana uummataarra deemuun hirribaa dammaqsanii mana hidhaatti guuruun qabeenya isaaniis saamaa kan jiru waraanni faashistii Abiy Ahimed, Caamsaa 28, 2024 namoota maqaan isaanii: Shimee Fiqaaduu, Tamasgeen Gannatii, Maammoo Taammiruu, Tolaa Maarqosii fi Tarfaasaa Kuree kanneen jedhaman jalaa bilbilaa fi wantoota adda addaa  fudhachuun doorsisa irratti geggeessuu isaaniis ifoomeera.

Waxabajjii 6, 2024 nama maqaan isaa Fayisaa Tamasgeen jedhamu ganda Jireenyaa bakka addaa ‘Koomboo’ jedhamu irraa badii tokko malee qabuun magaalaa Naqamteetti hidhanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees, waraanni maafiyaa kun ganda Jireenyaa keessatti saamicha hamaa raawwachuu itti fufuun, Waxabajjii 9, 2024 nama maqaan isaa Obbo Tasfaayee Tamasgeen Waaqjiraa jedhamu halkan waarii mana isaa dhaquun meeshaalee manaa, qarshii hedduu, bilbiloota xixiqqoo fi gurguddoo, eeboo fi k.k.f hanga humni isaanii danda’e fudhatan.

Saamicha kanas sababa tokko malee “ijoollee keetu WBO keessa jira” jechuun irratti raawwachuun barameera.

Ilma isaa kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Dagaagaa Tasfaayee jedhamu harka duubatti hidhuun reebicha hamaa erga irraan ga’anii booda fuudhanii kan deeman yoo ta’u, Dagaagaan siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee kan bulu ta’uu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Leave a Reply