ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Waraanni faashistii PP lola waraana bilisummaa Oromoo waliin taasisaa jiruun kasaaraa dinagdee fi namaa isa qaqqabaa jiru jalaa bayyannachuuf, tooftaa adda addaa baasus injifannoo argachuu dhabuu irraan kan ka’e hawaasa harka duwwaatti deebi’uun miidhaa geggeessaa jira.
Akkuma kanaanis jajjabeen mataa guduruu waraanni bilisummaa Oromoo humna weerartuu PP maqaa sakattaa WBO’n baatee hawaasa dararaa turte torban kana keessa adaba tolchaa turuu gabaasaa akkuma turre, yeroo ammaas lola WBO waliin taasisu dheessuun meeshaalee gurguddaa halaala dhabbatanii dhukaasaa jiraniin miidhaan namoota nagaa irratti ta’aa jiraachuus himan.
Kaleessa Waxabajji 10, 2024 godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa ganda Sokoraa jedhamu keessatti meeshaalee gurguddaa madfii, ZU-23 fi moortera waraanni sirnichaa darbachaa jiruunis manneen gubachuu fi qabeenyi manca’uunis beekameera.
Hanga gabaasni kun qindaa’etti hawaasni gandichaa sodaa fi lubbuu isaa baraaruuf waraana sirnichaa jalaa dheessuun kanneen baqatan danuu akka ta’an ni himamu.
