ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Murni PP uummata Oromoo meeshaan haleelee fixuu dadhabnaan akeeka qabsoo uummatichaa balleessee nagaan jiraachuuf jecha maatii qabsaa’otaan isin maatii miseensota jaarmiyaa ABO-WBO’ti, kanaaf seelii diinaa dhabamsiisuu qabna jechuun namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa hin qabne irratti dhiibbaa gochaa jira.
Akka jiraataan ona Dugdaa ganda Burqaa Dambal irraa dubbisne nuuf himetti, hawaasa Oromoo gandicha keessa jiraatanii fi gandoota ollaa jiraatan irratti waraanni mooraa Burqaa Dambal keessa jiran guyyuu itti bobba’anii saamicha qabeenyaa fi gaaga’ama lubbuu irraan ga’aa akka jiran dubbataniiru.
Ganda Burqaa Dambal irraa torban darbe keessa manni sagal yoo gubatu, obbo Abdii Ablijoo jalaa mana 6, Abbaatee Badhaasoo jalaa mana 1 fi re’oota 16 yoo guban, Qulfii Badhaasoo obboleessa isaa jalaa ammoo mana lama gubanii barbadeessuun himameera.
Dabalataanis gandoota akka Waldaa Qal’innaa, Shubii Gamoo, Dararaa Daalachaa fi Burqaa Dambal keessatti hawaasni saamamuu, hidhamuu fi ajjeefamuun dararaa hamtuu keessa akka jiranis jiraataan kun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

