ONM-ABO Waxabajjii 13, 2024
Sirni abbaa irree afaan qawweetti amanuu fi ajjeesuun gootummaa itti fakkaatu bilxiginnaan, humna waraanaa guddaa ijaaruuf jecha namoota sadarkaa umrii garaagaraa keessatti argaman hundumaa dirqamaan guuree leenjii waraanaatti erguun ni beekama.
Haa ta’uu malee akka sirnichi yaadee namoota mooraatti guuru ta’uufii diduu irraan kan ka’es, mooraan cubbuu sirnichaa guyyuu diigamuu itti fufuun, sabboontonni ilmaan Oromoo dabaa fi cubbuu sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti gochaa jiru hubatanis guyyuu gooticha waraana bilisummaa Oromootti dabalamuu jabeessanii jiru.
Akka kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu Galiilaa irraa miseensotni poolisii Oromiyaa maqaa farra riphee lolaa jedhuun of waaman lama, magaalaa Galiilaa irraa ba’uun gooticha waraana bilisummaa Oromoo onicha keessa jirutti harka kennachuun gabaafameera.
Miseensonni loltoota bilxiginnaa kunneen gama meeshaatiinis rasaasa AKM 300, boombii harkaa 4, AKM lama (2) qabatanii dhufuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii.
Gama waraana bilisummaa Oromoonis simannaa ho’aan taasifamuufii himuun, obboloota isaanii mooraa jal’inaa, diina hawaasa Oromoo ta’ee uummata Oromoo hundumaa irratti duula fixiinsa sanyii labsee jiru kana, rakkoo isin irraanis ga’aa jiru kana hubattanii, mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo kan ta’e gara jaarmiyaa ABO-WBO’tti makamuun diina uummata keessanii WBO waliin taatanii akka qolattaniifis dhaamsa Oromummaa isiniif qabnas jechuun ergaa isaaniif dabarsaniiru.



