• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Harargee ona Baddannootti waraanni maafiyaa PP uummata dararaa fi doorsisaa jiraachuun himame

Jun 15, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024

Dararaa ulfaataa uummata Oromoo irraan ga’uu kan amaleeffate murni nama nyaataa bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti haaluma duraan barateen garmalee hawaasa miidhaa jiraachuu komeen hawaasa keessaa ka’u ni agarsiisa.

Haaluma kanaan, godina Baha Harargee ona Baddannoo araddaalee hunda keessatti murnoonni PP hiraarsaa hamaa fi suukanneessaa ta’e jiraattota irratti raawwataa jiraachuu maddeen keenya ifoomsan.

Guyyaa dheengaddaa  Waxabajjii 13, 2024 onicha keessatti kan argamtu magaalaa Furdaa jedhamtu keessatti ergamtootni PP uummataan “deemaa WBO barbaadaa!” jechuun dirqamaan gaara keessa hiraarsaa ooluutu himame.

Dabalataanis, araddaalee onichaa kanneen akka: Tirtiroo Maanguddoo, Raasaa Jannataa fi Raaree Jannataa jedhaman keessaa illee humnaan dirqamsiisanii dheengadduma  Waxabajjii 13, 2024 gaaratti kan baasanii fi namoota bakka jedhaman deemuu didan ammoo “WBO wajjin jirta; dachii irra jiraattu soqadhu” jechuun doorsisaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ibsan.

Araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessaa uummata waltajjii baasuun “fuula haarawaa qabdanii nuuf dhiyeessuu baannaan, isiniif  dhumate” jechuun garmalee hawaasa doorsisaa kan jiranii fi “namoonni hundi miseensa PP’ti” jechuun maqaa dubartoota araddicha keessa jiranii barreessaa kan oolan murnoonni PP, jiraattota fuula irraa garagalfatanii fi nama caasaa isaanii mormetti kakachaa ooluu namoonni argaa-dhageettiin adda baafatan dubbatu.

Leave a Reply