ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024
Waraanni maafiyaa PP godinaalee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromootti dararaa hammataa “anatu afaan qawwee fi irreen isin bulcha” jechaa kan jiruu fi uummanni Oromoos siyaasaa fi shira sirna nama nyaataa kana irratti baruun yommuu fuula irraa garagalfatu, sababa adda addaa godhatee garmalee uummata dararaa jiraachuun ni beekama.
Waajjira poolisii onichaatti, guyyaa guyyaan jiraattonni hin hidhamin kan hin oollee fi dararaa hamaan hidhamtoota irratti raawwatamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Ona Guutoo Giddaa ganda Fayyineerraa jedhamu irraa gaafa Caamsaa 30, 2024 shamarran maqaan isaanii:
1.Ayyaantuu Saamu’eel,
2. Seenaa Saamu’eel,
3. Daraartuu Dhaabaa,
4. Tuujubee Mokonnonii fi shamarran biroo hedduu ta’an “WBO’f rifeensa dhooftan” jechuun sababa Oromummaa isaanii qofaaf Waajjira poolisii onichaa magaalaa Naqamtee ganda 05’tti argamu keessatti hidhamanii jiraachuu jiraataan gandichaa akka maqaan isaa hin xuqamne barbaadu tokko ONM’f qoodeera.
Kana malees, waraanni hamaa fi gaarii adda baasee hin beekne kun gandicha keessaa barsiisaa maqaan isaa Indaaluu Kabbadaa jedhamu “situ WBO nutti fide” jechuun gaafa Waxabajjii 10, 2024 osoo inni mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Dangaallii jedhamu irraa barsiisee galuu bakka addaa ‘Qarsaa’ jedhamutti isa butuun hanga harki isaanii danda’u reebichaan erga qaama laalessanii booda, gara waajjira poolisii onichaatti geessuu isaanii fi onichatti hidhaan garmalee hammaachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.



