• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee keessatti qabeenyi qonnaan bultootaa loltoota sirnichi bobbaaseen saamamu jabaatee itti fufuu ibsan

Jun 15, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024

Koloneel Abiy Ahimed akka waan aantummaa uummataa qabuutti yeroo hedduu karaa miidiyaatiin kana booda uummanni keenya hin saamamu, hin hidhamu, hin ajjeefamu jechuun yeroo hedduu irra deddeebiin dubbachaa turuun isaa kan beekamuudha.

Haa ta’u malee har’a uummata nagaa kana irratti waanti adeemaa jiru kan uummaticha abdii kutachiisuu fi egeree isaaf yaadessaa ta’e irra ga’ee jira.

Godina Kaaba Shaggar aanaa Ucaalee ganda Bachoo Faalemii keessatti loltoonni sirnichaa qabeenya qonnaan bultootaa saamuu jiraattota gochi  kun irratti raawwate keessaa tokko ONM’tti himeera.

Akka jiraataan kun jedhettis Waxabajjii 9, 2024 loltootni sirnichaa magaalaa aanichaa irraa gara Bachoo Faalemiitti bobba’uun qabeenya namoota maqaan isaanii Bokii Birraatuu  horii 15, Darrabaa Simee  horii 12, Silashii Warquu horii 16 fi Dabalaa Tolasaa horii 30 fi re’oota 40 jalaa saamuu ibsan.

Akka jiraataan kun jedhetti karooruma saamichaa waan qabaniif malee qonnaan bultootni kunneen balleessaa tokkollee akka hin qabne ta’uu dubbachuun, sababa saamicha kanaaf ammoo maatiin hedduun addaan faffaca’anii akka jiranii fi haalli uummatichi keessa jirus hedduu yaaddeessaa ta’uu himeera.

Gandichuma keessatti gaafa Caamsaa 27, 2024 manneen qonnaan bultoota 23 mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubuun yoo barbadeessan, namoota sadii irratti ajjeechaa raawwachuu fi dubartoota lama madeessuu gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply