ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024
Waraanni sirna gabroomfataa Abiy Ahimed godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa uummata nagaa hidhuu fi dararuu hammeessee jira.
Haaluma kanaan, godina Arsii Bahaa ona Gololchaatti sababa Oromummaa isaaniif jiraattonni akka itti ba’anii galan dhabuu jiraataan ganda Haroo Akkiyyaa jedhamu irraa ONM’f hime tokko dubbate.
Onichatti dararaan ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru akka malee ulfaataa ta’uun, jiraattonni maqaan isaanii Shaffis Roobaa, Ziyaad Mahaammad Abdullaa fi kanneen biroo hedduu ta’an ganda Haroo Akkiyyaa jedhamu irraa Waxabajjii 8, 2024 hidhamuun onichatti dararaa hammaataa argaa jiraachuus dabaluun addeessee jira.
Jiraattonni kunis, badii tokko kan hin qabnee fi namni Shaffis Roobaa jedhamu immoo erga qabamee achi buutee dhabamuun himameera.




