ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Jajjabinaa fi gorsa biyyaaf ta’u dhiisee sirni Nafxanyaa mataan Abiy Ahimed ta’e kun waraana isaa hammeenyaan guutuun uummata waan qaban cufa qophee, uffata, maallaqaa fi bilbila dabalatee waan uummatni itti dafqee, itti dadhabee horate gaaffii tokko malee saamaa oolu.
Haaluma kanaan godina Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa magaalaa Adaabbaa ganda 01 fi 02 keessatti guyyoota sadiif walitti aansuun jechuun Waxabajjii 10, 2024 hanga Waxabajjii 13, 2024’tti maqaa waraana bilisummaa Oromootu as seenee jira jedhuun manneen hawaasaa irra deemuun waraanni goolessaan bilxiginnaa saamicha geggeessaa jiru.
Akka jiraattonni naannoo sanaa ONM’tti himanitti diinummaa kanaaf dibbee isaanii dhahuun riqicha diinaa kan ta’e bulchaan ganda 01 Awwal namni jedhamuu fi Damee Miliishaa kan ta’e Abdurqaadir Anajinha kanneen ta’an maqaa gibiraatiin waantonni isaan saamaa jiran maallaqa, bilbila, faayaa mormaa, kophee, uffataa fi kanneen kana fakkaatan maqaa ati deeggaraa WBO’ti jedhuun saamaa akka jiran himaniiru.


