• Thu. Nov 26th, 2026

Waraanni godina Lixa Wallaggaa, Laaloo Assaabii, Boojji Dirmajjii, Boojji Coqorsaa fi Gullisoo irraa maqaa sakattaa WBO’n bobba’an namoota jumlaan qabuun hidhuu fi doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Murni aangoon siyaasaa isaa  dhumataa deemee fi gara itti goru wallaale, akka saree maraatteetti hundumaa ciniinaa deemuun falmii aangoo  siyaasaa isaaf jecha namoota nagaa irratti tarkaanfii suukanneessaa fudhachaa oola.

Bilxiginnaan yeroo ammaa aangoon siyaasaa harkatti burkutaa’es waan godhu wallaalee namoota maqaa adda addaa itti moggaasuun guyyuu doorsisaa fi hidhaan hiraarsuu jabeessuun kaleessa Waxabajjii 15, 2024 Lixa Wallaggaa aanota godinichaa 4 irraa walitti dhufuun ona Laaloo Assaabii keessatti miidhaa qaqqabsiisaa turuun barameera.

Humnoonni bilxiginnaa aanota akka Laaloo Assaabii, Boojjii Dirmajjii, Boojjii Coqorsaa fi Gullisoo irraa gara ona Laaloo Assaabii ganda Aleewwaa jedhamu keessaa ijoollee shamarranii sadii kanneen maqaan isaanii: Dibooraa Maatiwoos Abbayyaa, Daraartuu Indaaluu Bulchaa fi Abaaboo Qorsaa Boroo jedhaman waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabduun yakkanii qabuun hanga gabaasni kun qindaayetti gad hin dhiisin jiraachuun beekameera.

Shamarran kunneen ji’a keessatti yeroo lammaffaaf qabamanii akka jiranis itti dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply