• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti poolisii Oromiyaa maqaa farra riphee lolaan waamamaniin namni tokko ajjeefamuu fi lama qabamuun dhagaa’ame 

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Sabni baroota dheeraaf nagaan qe’ee isaa irra jiraachuu hawwee dhabe uummanni Oromoo, bulchiinsa diimokiraatawaa ta’e argachuuf jecha, laafinoota sirni abbaa irree bulchiinsa sirnichaa irratti qabu hubachuun jaarmiyaa waraanaa fi kanneen biroon qindaa’uun falmii adeemsisuu kan eegale bubbuleera.

Diddaa kolonii eegalee wareegama qaalii kaffalaa kan as ga’e hawaasni kun, yeroo ammaa kanas dargaggoonni fi jaarroleen Oromoo murna Oromoo duguuguudhaaf ba’ee jiru sirna bilxiginnaa irratti haleellaa jajjabaa geggeessaa jiru.

Kanumaan wal qabatees bilxiginnaan sochii waraana bilisummaa Oromootti danqaa uumuuf jecha maqaa sakattaa WBO’n yeroo socho’utti hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa geggeessu jabeesuun godina Buunnoo Beddellee ona Daaboo Haannaa ganda Ifaabas Coree iddoo addaa garee Baachoo jedhamutti jaarsa biyyaa tokko ajjeesuun namoota lama qabanii deemuun himame.

Waxabajji 16, 2024’tti kan bari’u halkan naannoo toora sa’a 7:00’tti waraanni maqaa humna riphee lolaan of waaman jaarsa biyyaa maqaan isaanii obbo Suleeman Hasan jedhamu ajjeesuun, namoota maqaan isaanii Adam Jibriilii fi Riyaad Sheek Qaasim jedhaman ammoo qabanii gara ganda Tuulamaatti geessuun himameera.

Lukkeeleen PP diigamuu impaayeerattii jibban hawaasa nagaatti fuula deebiffachuun ajjeesuu, saamuu fi hidhuun cinatti qabeenya hawaasaa barbadeessaa akka jiranis jiraattotni dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply