• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Ejeree keessatti hidhaa fi saamichi raawwachuu jiraattotni ONM’tti himan

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Maqaan Waraana Bilisumma Oromoo madda galii olaanaa kan ta’eef loltootaa fi kaabinoota murna bilxiginnaaf, yeroo ammaa akkuma guutuu Oromiyaatti saamicha qabeenya uummataa maqaa qabeenya diinaa jedhuun geggeessaa jiran daran jabeessanii jiru.

Torbanoota darban irraa kaasuun Lixa Shaggar aanaa Ejeree ganda Gorbaa dabalatee gandoota aanichaa hedduu keessatti halkan halkan mooraa isaanii ganda Gorbaa jedhamu irraa bahuun nama shanii fi isaa ol ta’anii deemuun saamichaa fi hidhaa raawwachaa akka jiran jiraataan gandichaa maqaan isaa rakkoo nageenyaaf jecha  eeramuu hin barbaanne tokko ONM’tti himeera.

Akka jiraataan kun jedhetti   hidhattootni murna PP kun wal gurmeessuun halkan halkan mana namootaa irra deemuun WBO’n meeshaa asii qaba mitii jechuun lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo hin jirretti sobanii saanduqa namootaa caccabsuun maallaqaa fi faayaalee hawaasni qabu bilbila harkaa dabalatee saamicha raawwachaa akka jiran illee ibse.

Dabaluun namoota callisanii qabuun kanneen maallaqaa fi horii baay’ee qaba jedhamu hordofuun ati WBO’f waan akkasii goote kanaan dura jechuun mana hidhaa galchanii maallaqa 50,000 hanga 100,000 irraa fuudhuun gad lakkisaa jiraachuu fi kan hin qabne ammoo reebichaan laaffisanii hanga inni lafa seene seenee fidutti achumatti dararaa akka jiran illee dubbate.

Ji’a Caamsaa darbee keessa ganduma sana keessatti namoota sadii ajjeesuu fi lama madeessuu jiraataan kun ONM’f kan hime yoo ta’u, guyyoota muraasa booda kaabinoonni fi waraanni sirnichaa uummata walgahii baasuun namoonni ganda kana keessaa diinaa fi miidiyaa diinaa quunamaa jirtan ni jirtu, hundaayyuu dhageenyees arginees  jirra, warroonni ajjeefamanis hojii isaaniitiin ajjeefaman waan ta’eef akka ganda kanaatti namni tokko reebamees, hidhamees, ajjeefamees miidiyaa diinaa qaqqabnaan isinis ni ajjeefamtu jechuun akka rakkoo hawaasni ganda sanaa karaa miidiyaan illee   hin  himanne akeekkachiisanii jiru jedhe.

Jiraataan kun akka jedhetti bakka tokkoo gara bakka biraatti imaluuf jalqaba kaabinoota bakkichaa irraa heyyama fudhachaa akka jiranii fi abbaan irrummaa jabaatee akka jiru illee dubbateera.

Leave a Reply